Yuunivarsiiti Finfinnee mooraa Siddist Kiiloo keessatti barattoota Oromoo irratti reebichi taasifame.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Guyyaa kaleessaa Caamsaa 30,2022 , Filannoon kaawunsilii barattootaa filuun xumura pirezidaantii barattootaaf qopheessuu akka Yuunivarsiiti Finfinneetti taasiifamaa tureen, sagalee caalmaa barattoonni Oromoo dursiinaa turaniin, barattoonni dhalattootaan Amaara ta’an osoo barattootni Oromoo kutaadhaa ba’aa jiranii, gurmaa’uun reebicha cimaa barattoota Oromoo irraan ga’anii jiru.
Reebicha barattoota kana irratti taasifameen, barataan tokko dhagaan mata keessaa rukutamee baay’ee madaa’ee jira.
Barattoonni finxaaleyyii Amaaraa, barattoota Oromoo madeessaan yeroof dhimma nageenyaa mooratiin to’atamaniiru jedhamanis, galgala kana ba’anii barattoota Oromootti caalaatti dhaadachaa turaniiru.
Haallii filannoo sanaa karaa interneetiin geggaafamaa waan tureef barataan sagalee caalmaa argachaa jiru ni beekama ture.
Kanaaaf barattoonni sagalee caalmaan dursaa turan barattoota Oromoo waan ta’aniif, akkamiin barattoonni Oromoo sagaleen nu caalu jechuun, barattoota Oromo irratti qindaa’ani osoo isaan hin beekin bakka eegdoonni fi Poolisootni jiranitti reebicha irratti jalqaban.
Dabalataanis, filaannoon sun karaa websaayiti Yuunivarsiiti Finfinnee irratti, har’uma ganamaa kan gad dhiifamee yoo ta’u, barattoonni fedhii isaanii malee password isaanii qaama hin beekamneen cabuun, sagaleen isaani hatamee barattoota biratiif kennamaa ture.
Yeroo kanatti barattoonni lubbuu isaaniif baay’ee sodachaa kan jiran yoo ta’u haalli amma mooraan sun barattoota Oromoo itti qabaa jiru, lubbuu barattoota Oromoof baay’ee sodaachisaa dha.
Waraanni murna faashistii PPs kan dura jiru irratti dabalataan moora keessa buufachuun doorsisaa geggeessaa jira.
Wal gaarreffannaan kaleessa ganama eegalee waaree booda reebichatti darbe haala qabatamaa amma jiru rakkoo dabalataa kan afeeruuf deemu waan ta’ee sagalee akka nuuf taatan jechuun kan dhaammatan barattoota Oromoo Yuuniversitii Finfinnee mooraa Siddist Kiiloo ti.
