Haalli barattoota Oromoo Yuunivarsiiti Finfinnee Daraan yaddeessa ta’ee jira.
( ONM-ABO Waxaabajjii 2,2022 )
Caamsaa 31,2022 halkan toora sa’a 4:30 irraa eegalee poolisiin Federaala fi Poolisiin Finfinnee barattoota Oromoo moora Yuunivarsiiti Finfinnee, koolleejjii FB irratti reebichaa cimaa irraan ga’aa turan.
Wiixata darbe Caamsaa 30,2022 gochi barattoota Oromoo irratti reebicha geggeessuu kan kan eegale yoo ta’u haala kanaanis Yuunivarsiiti Finfinnee Moora Siddist Kiiloo keessatti barattoota Oromoo irratti, barattoonni finxaaleeyyi Amaaraa reebicha geggeessuun barattoota Oromoo irraan miidhaa geessisuu isaanii gabasnee turre.
Haalli kun kibxata darbe itti fufuun sababa filannoo kaawunsilii barattootaa sagalee nu caaltan jechuun guyyaa reebicha irratti bananiin, weebsaayitii yuunivarsiitichaa filannoon irratti gaggeefamaa turee cufuun karaa keessaa shira hojjechuun, barattoota sagalee caalma hin argatin, barattoota dhalootan Amaara ta’an qofa dabarsani maqaa isaanii dhoobanii turan.
Akka kanaanis wal garreeffannaa fi dhaadannaa barattoota finxaaleeyyii Amaaraa Wiixataa kaasee itti fufeen, halkan kibxataa darbee barattoota Oromoo irratti, mooraa FB keessatti walitti qabamuun, dhagaadhaan erga reebaniin booda, Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin magaalaa Finfinnee lakkoofsaan hedduu ta’an, barattoota Oromoo dhagaa fi reebicha baqatanii, doormii keessa dhokatan ulaa doormii cabsanii baasuun, rasaasan doorsiisa reebichaa cimaa irraan ga’aa turan.
Barattoota mana kitaabaa turanis achumatti balbalaa mana dubbisaa itti cufuun ukkaamsan..
Rakkoon kun gara mooraa Siddist Kiilootti babaldhachuun, reebichii fi doorsisni akka turee fi gamoo barattoonni jiraatan keessaa Poolisiin federalaa hidhanno qabatanii baay’inaan socho’aa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Itti dabaluun barattoonni mooraa Ammist Kiiloo fi Arat Kiiloo “ Haalli kun akkanaan yoo itti fufe lubbuu keenyaaf sodaachaa waan jirruuf, moora gad-dhiifne bahuuf dirqama jirra” jechuun miira sodaa guddaa keessa jirachuu isaanii, Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.
