Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kaaba Shaggar keessatti tarkaanfii fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessee!
( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu itti fufuun godina kaaba Shaggar ona Dagam keessatti injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Lola guyyaa har’aa waaree booda sa’a 10:00 irraa kaasuun abdiin sabaa WBOn waraana faashistii PP irratti ona Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti geggeesseen waraana PP hedduu ajjeesuun gariin madeesseera.
Gama meeshaatiin isnaayipperii 2 fi bireenii tokko dugda diinaa irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Odeessa guutuu waliin walitti deebina!
