• Thu. Nov 26th, 2026

Barataan Baduraddiin Mohammed jedhamu University Finfinnee mooraa Fb keessaa kaleessa poolisii federaalaatiin akka malee reebamuun mana hidhaatti geeffame

Jun 4, 2022

Barataan Baduraddiin Mohammed jedhamu University Finfinnee mooraa Fb keessaa kaleessa poolisii federaalaatiin akka malee reebamuun mana hidhaatti geeffame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )

Yuuniversiti Finfinnee mooraa FB keessatti kaleessa Waxaabajjii 2,2022 barataa Baduraddiin Mohaammed jedhamu kan dhalootaan baha Oromiyaa godina baha Harargee ta’e afaan Oromoon malee afaan biraa dubbachuu kan hin dandeenye osoo gara mooraatti seenaa jiruu waardiyootni Amaaraa isa beekanii fi jibbiinsa sanyummaa irraa qaban balbala mooraa irratti dhaabachiisan.
Erga dhaabbachiisaniin booda afaan Amaaraatiin itti dubbatnaan afaan Oromoo qofa itti deebisuu eegale, afaan Amaaraa dubbadhu jennaan afaan Oromoo malee akka hin beeknee fi hiriyaa isaa waamee akka hiikuuf oggaa isaanitti geessu nu arrabsaa jiruu fi nu rukutanii jechuun dubbii dhugaa hin taaneen poolisoota federaalaa mooricha keessa jiran itti waamuun eega reebicha ulfaataa reebsisanii booda gara mana hidhaa naannoo moorichaatti argamu kan Manan jedhamuun beekamutti hidhanii jiru.

Reebicha irra ga’een mucaan kun ilkaannii isaa miidhamee yeroo ammaa buqqa’ullee akka danda’uu fi yaalas dhorkatamee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Gochi kun jibbiinsa Oromummaa irraa qabaniin afaan Oromoo dubbachuu qofti yakkamaa taasisuun reebichaa fi hidhaaf waan saaxileef hiriyoonni isaa sodaa keessa galanii jiru.

Mooraa yuuniversitii Finfinnee kana keessatti torbeedhuma kana maqaa filannoo kaawunsilii barattootaa jedhuun barattoonni finxaaleeyyi Amaaraa filannicha dursuu qabna jedhanii barattoota Oromoo irratti dhaadachaa fi reebicha irraan ga’aa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama

Leave a Reply