• Fri. Sep 11th, 2026

Waraanni murna maafi’aa PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jimmaa Gannatii keessatti manneen namootaa gubuun qabeenyas barbadeessan

Jun 4, 2022

Waraanni murna maafi’aa PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jimmaa Gannatii keessatti manneen namootaa gubuun qabeenyas barbadeessan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo irratti yakka namoomaa raawwachuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa jiru manneen uummataa fi qabeenya isaanii saamuu idileeffachuun hojjechaa jiru.

Akka kanaanis Caamsaa 31,2022 godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jimmaa Gannatii ganda Biqiltuu Qidaamee keessatti waraanni weerartuu PP oraalii shaniin dhaquun bakka sochiin waraanaa tokko hin jirretti ganda keessa tamsa’uun saamichaa qabeenyaa geggeessaa turan.

Waraanni PP kun manneen fi dukkaana cabsuun qabeenya keessa jiru konkolaataatti fe’achaa kan turan yoo ta’u kanneen fudhanii deemuu hin feene ammoo ibidda itti shiduun gubanii jiru.

Akka nama naannoo haaraa tokko weeraree qabateetti kan socho’aa turan waraanni maqaaf bulchiinsi siyaasaa nu harka jira jedhan kun saamichaa fi mancaatii qabeenyaa geggeessan malee namoota ganda keessatti argaman hedduu reebuun gariin ammoo qabanii fuudhanii deemuun hidhuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading