• Wed. Nov 25th, 2026

Poolisootni humna addaa Oromiyaa ofiin jedhan lama sirna PP ganuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn hogganamutti harka kennatan

Jun 6, 2022

 Poolisootni humna addaa Oromiyaa ofiin jedhan lama sirna PP ganuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn hogganamutti harka kennatan.

(ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022)

Waraanni murna maafi’aa PP ilmaan Oromoo humnaan qabee leenjii waraanummaa laachuufiin lola isaan ilaallanne irratti hirmaachisuun ajjeesisaa jiruu fi uummata isaaniitti deebisuun akka ajjeesan, mana guban, saamanii fi qe’ee irraa buqqisan gochaa jiru mormuun mooricha gananii WBOtti harka kennachaa jiru.

Haala kanaanis maqaa goyomsaa poolisii humna addaa Oromiyaa jedhuun mooraa cubbuu fi dabaatti ilmaan Oromoo sossobamanii seenuun sirna yakkamaa tajaajilaa turan lama, kan maqaan isaanii Huseen Kadir ga’een hojii isaa ajajaa kudhanii ta’ee fi Mahaammad Abdoo dalagaan isaa loojistikii waraanaa ta’e dheengadda Waxaabajjii 4,2022 kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo irraa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Akka ilmaan Oromoo kunneen jedhanitti kanaan dura goyomsaa murna ani mootummaadha jedhuun sakaalamnee sirna dabaa fi cubbuu lammiilee keenya irratti raawwachaa jiru tajaajilaa turreef uummata Oromoo dhiifama gaafanna jechuun ilmaan Oromoo gita waraanaa PP kamiyyuu keessa jirtan qawwee diinaa qabattan fudhattanii gara mooraa qabsoo saba keessanii ABO-WBO tti akka makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply