• Wed. Nov 25th, 2026

Warshaan Sukkaara Matahaaraa waraana mootummaa waliin ta’uun jiraattoota naannoo warshaa sanaa jiran irratti dararaa fi saamicha raawwachaa jiraachuun ibsame

Jun 6, 2022

Warshaan Sukkaara Matahaaraa waraana mootummaa waliin ta’uun jiraattoota naannoo warshaa sanaa jiran irratti dararaa fi saamicha raawwachaa jiraachuun ibsame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 6,2022 )

 
Warshaan tokko gaafa dhaabbatu hawaasa naannoo sanaaf tajaajila hawaasummaa fi yeroo rakkoon hawaasa sana mudatu birmachuufiif dirqama qaba.

Faallaa kanaa garuu warshaaleen Naannoo Oromiyaa keessatti hundaa’an caasaa cunqursaa mootummaa waliin ta’uun hawaasa naannoo sanaa irra saamichaa fi dararaa geessisa turan.
 
Warshaalee akka kanaa keessa tokko kan ta’e warshaa sukkaara matahaaraati.

Warshaan kun godina baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti kan argamu yoo ta’u dararaa inni uummata naannoo sana irraan ga’uuf qaama itti himannu dhabnee kan jedhan jiraattota Aanaa Fantaalleeti.
 
Jiraattoonni kunniin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka himanitti Waqtiin kun waqtii hongee hamaan rukutamaa jiranii fi hawaasni  gandoota akka Faate Leelii fi Kaliifaa keessa jiraatan bishaan dabalatee soorata loonii warshaa sana keessaa ba’uu itti fayyadamaa turanis amma yeroo rakkootti irraa nu dhoowwuun rakkoof nu saaxilanii jedhu.

Lafa qabiyyee keenya ture humnaan nu irraa fuudhani turan morminee irra taa’aa jirrus dirqamaan akka irraa kaanuuf walakkeessa Caamsaatii kaasee waraana nutti bobbaasuun nu dararaa jiru jedha.
 
 Waxabajjii 2 fi 3,2022 gandoota akka Faate Leelii fi Kalifaadha hanga ammaa manni abbaa warraa 50 akka gubate himuun ganda Faate Leeliitti mana abbaa warraa 30, ganda Kaliifaatti mana abbaa warraa 20tu gubate.
 
 Kana malees Caamsaa 24,2022 waraanuma warshaa keessa buufatee jiru kanaan abbaa ijoollee 11 kan ta’e  abbaan maatii Adam Alii jedhamu ajjeefamee  ture.

Kanaa alas waraanni kun kaabinoota aanaa waliin ta’uun isin Shanee waliin hariiroo qabdu jechuun qorannaa fakkeessanii uummata dhaanaa fi rakkoo adda addaaf saaxilaa jiru.
 
Qabeenya uummataa loon dhibbootaan lakkaa’amu qabanii warshaatti galchuun horii tokkotti qarshii 1000 gaafachaa jiru kan jedhe maddi keenya Rakkoo Caamsaatiin nu irra qaqqabeef akka nu gargaaraniif koreen gaafannus deebiin keenya saamamuu fi dararamuudha jedhan.

Rakkoo amma nu irra ga’aa jiru kana gamtaadhaan kaafnee sirna jireenya nu dhoowwu kanatti yoo furmaata hin godhiin fuuldurri keenya rakkoo hamtuuf saaxilamna jechuun dhaammatan.

Leave a Reply