Maastar Pilaaniin wareegama dhiigaa fi lafeen Ummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo kallattii maraan kaffaleen yeroof dhaabbatee ture bifa haaraan hojiirra ooluuf akka jiru odeessi maddeen waajjira mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa ba’e saaxile.
( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )
Maaster pilaaniin warraaqsa guddaa uummata Oromoo kaabaa fi kibbaatti akkasumas bahaa fi dhihatti sochoosee fi daran tokkummeesseen diddaa geggeeffamee, gatii lubbuu qabeenyaa, qaamaa fi qorqalbii itti kafalameen booda hafeera jedhamee ture.
Haa ta’uutii garuu maaster pilaaniin hafeera jedhame kun yeroo ammaa harka lafa jalaatin itti deemuu qofa osoo hin taane kan duraa caala bal’isuun Oromiyaa Bahaa fi Dhihaatti addaan kutuuf, “Geopolitics” Oromiyaa jijjiiruuf, sagalee dhokfatanii ariitiidhaan irratti hojjachaa jiru.
Gama Kaabaa fi Kaaba baha Finfinneetiin weerara lafaa gara naannoo Amaaraatti saffisiisuun garanaan ammoo qubsumaa fi ijaarsa seeraan alaa hojii irra oolchuun Finfinnee fi naannoo Amaaraa wal tuqsiisuuf itti yaadamee akka hojjatamaa jiru keessa beektotni saaxilaaa turan.
Gama Kibba Finfinneetiin ammoo ergama addatti qondaala pp tokkotti kennameen; Aanaalee Qarsaa Maallimaa fi Sooddoo Daaccii godina Addaa Naannawaa Finfinnee jala kutanii galchuun, Finfinnee Naannoo Uummattoota Kibbaa waliin wal tuqsiisuuf hojiin jalqabame iccitiin akka qabamu taasifameera.
Karoora kana milkeessuufis Baajata bara dhufuu kan akka bara 2022 /23 ykn akka lakkoofsa impaayeerattiitti 2015 irratti hojjiirra ooluuf ta’a.
Duudhaa fi barsiifata naannoon kun itti ture fi jiru maqaa magaalomsuu jedhuun balleessuuf deemamaa jira.
Bulchitoota aanaalee lamaaniitiif ergamni kennameef gaaffii uummataa fakkeessuun, fedhii uummataa cinaatti qabuun, karaa ofiif yaadanitti oofuudhaan dirqisiisanii uummata akka amansiisan karoorri badii Oromiyaa qoqqooduu kun akka milkaayuuf hojjachiisaa jiru.
Uummatni Oromoo kana hubatee, Karoora badii fi shiraa Oromoo,Oromummaa fi Oromiyaa irratti qiyyaafatee deemaa jiru kana dursee irratti dammaqee tokkummaan dura dhaabbachuu baannan
Oromiyaan bahaa fi dhihatti addaan cituuf deema.
Finfinneen handhuura Oromiyaati jechuuf, baha, lixa, Kaaba fi Kibbaan godinaaleen Giddugaleessa Oromiyaa (Tuulamaa) jiraachuun dirqama.
Kuni hin ta’u taanan; Oromiyaa Naannoolee impaayeerattii biroo waliin walitti dabaluun Finfinneen handhuura Oromiyaati jechuun hafuuf deema.
Oromiyaan akkuma Naannoo tokkoottuu ilaalamuun hafee akka sirna durii caasaa (Kifla hagar) jedhamuun waamamuuf karooraa fi fedhii finxaaleyyii Amaaraa akkasumas gorsa Pr. Birhaanuu Naggaafaa hojiitti hiikuuf akka ta’e ni hubatama.
Kanaafuu; uummanni Oromoo Dammaqee akkuma Mastar Pilaanii marsaa duraa falmatee dhaabsise, ammas marsaa lammataa shiraa fi karoora badii Oromiyaa irratti karaa iccitii fi ifaan mul’atutti deemamaa jiru falmaa mirgaa abbaa biyyummaaf geggeeffamaa jiru jabeessuu abbaa biyyaa ta’e kaayyicha fashaleessuu qaba jechuun ilmaan Oromoo gitoota adda addaa irra jiranitti kan dhaammatan sabboontoota Oromoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaati.
