• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Shaggar Ona Bakkoo Tibbee Keessatti waraanni murna faashistii PP uummata dirqiin yaasuun milishootaf hojii hojjachiisa jiru

Jun 10, 2022

Godina Lixa Shaggar Ona Bakkoo Tibbee Keessatti waraanni murna faashistii PP uummata dirqiin yaasuun milishootaf hojii hojjachiisa jiru.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Waxaabajjii 7,2022 irraa qabuun waraanni bilxiginnaa Itoophiyaa uummata Oromoof naasuu hin qabne godina lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbee ganda Guutoo Meexxii keessatti bulcha ganda sana waliin wal ta’uun uummata guddaa, xinnaa, jaarsaa fi jaartii osoo hin jedhin humnaan mana mana irra deemuun reebanii yaasuun milishoota sirnichaaf hojjataniif qonnaa dabalatee hojii adda adda hojjachisaa turan.

Kana malees manguddoota humna hin qabnee fi namoota dhukkuba garaagaraa qaban ni sobdu isin hin dhukkubu jechuun mallaqaa kanfalchisaa fi reebaa turan.

Akka jiraattoonni tokko tokko jedhanitti milishoonni ganda sanaa heddumina waan qabaniif qonnaan bultoonni hedduun ooyiru isaanii dhiisanii kan milishoota waan hojjachaa jiraniif kan isaanii irra yeroon darbuun bara dhufu ganda sana beelli ni mudata jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply