• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Horroo Guduru Wallagga Aanaa Horroo Bulluq keessatti Maqaa WBO deggerta jedhuun hidhaanii fi Dararri hammaate

Jun 11, 2022

Godina Horroo Guduru Wallagga Aanaa Horroo Bulluq keessatti Maqaa WBO deggerta jedhuun hidhaanii fi Dararri hammaate.

( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )

Sirni abbaa irree impaayeera Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oroomo maseensuuf hidhaa fi doorsisa akka tooftaa waraanaatti qabatee socho’a kan jiru baati tokko dura godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Guddina Abuunaa keessatti mana obbo Darajjee Biifaa deemuun yeroo isa manaa dhabanitti haadha warraa isaatiin abbaan warraa kee WBO nyaachisa jechuun reebicha hamaa erga irraan gaa’aniin booda konkolaataa irratti darbuun fuudhanii deemuu maddeen ona Horroo Bulluq ibsaniiru.

Haati Oromoo kun aaddee Shaashituu Nagaash kan jedhamtu yoo taatu reebicha hamaa irra ga’aniin baay’ee miidhamte hanga har’aa yaala dhabuu himuun jiraattoonni himatni tokko iyyuu akka irratti hin banamin waajjira poolisii aanaa Horroo Bulluq keessatti dararamaa jiraachuu ishee ifoomsaniru.

Haaluma kanaan Waxabajjii 7,2022 irra deebiin mana obbo Darajjee Biifaa deemuun yeroo lammaffaaf isa dhabuun mucaa isaa Daraartuu Darajjee akka malee erga reebaniin booda ishees fudhatanii deemun harmee ishee biratti dabaluun hidhuu maddeen dabalanii addeessan.

Obbo Darajjee Biifaa nama nagaa fi jireenya dhuunfaa isaa jiraatu Oromummaan yakkuun maqaa WBO itti maxxansuun maatii isaa dararuutti kan mufatan jiraattoonni tokkummaan kaanee sirna balfama PP kana dhabamsiifnas jedhaniiru.

Leave a Reply