Hawaasni Oromoo konyaa Jabuutii dhimma qabsoo fi tumsa WBO irratti wal arguun mari’atan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Hawaasni Oromoo roorroo biyya abbaa isaanii irratti irra ga’u dheessuu biyya gaanfa Afrikaa Jabuutiitti baqachuun hojiin dhuunfaa isaanii hojjechuun jiraachaa jiran dhimma qabsoo Oromoo fi tumsa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof taasifamaa jiru irratti wal maree taasifatanii jiru.
Kaleessa Waxaabajjii 10,2022 magaala Jabaatii galma tokko keessatti kan wal argan ilmaan Oromoo , wal argeen isaanii kanaan yaadannoo guyyaa gootota Oromoof taasisuun, haala itti qabsoon hidhannoo cimuu fi hawaasni Oromoo konyaa Jabuutii tokkummaan maallaqa buusee WBO cinaa dhaabbatu irratti mari’atanii jiru.
Qophii kana irratti walaloo ,sirbaa fi yaadni jajjabinaa akkasumas kallattiin dirree falmaa irraa hirmaattootaaf kan ibsame yoo ta’u hawaasni Oromoo konyaa Jabuutiis tokkummaa Oromummaa cimsuun bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf hanga dhumaa akka dhaabbatan waadaa isaanii haaromftaniiru.
