Mootummaan bilxiginnaa waraana hedduminaan ammas gara lixaa fi giddu galeessaa Oromiyaatti fe’aa jira.
( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )
Murni bilxiginnaa lola mo’achuu hin dandeenye keessa seenuun waggoottan arfan darban gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo lolaa jiruun milkaa’uu dadhabuu amanee fudhachuu irra ammas ilmaan haadha hiyyeessaa miindaa fi goyomsaan garaagaraan leenjisee gara lixaatti bobbaasaa jira.
Dheengadda Waxaabajjii 8,2022 mootummaan bilxiginnaa waraana isaa meeshaalee garaagaraan dabaluun Finfinnee irraa kaasee gara lixaatti imalchiisaa ture.
Konkolaatoota aguggataniin deemaniin meeshaalee gurguddaa fe’atanii kan jiran yoo ta’u oraaliin waraanaas meeshaa akkasumas waraana geejjibee deemaa ture.
Humni waraana weerartuu PP Finfinnee irraa ka’e kun gariin karaa Holotaan kan maqanii fi gara gammoojjii Mogoritti akka deeman kan ibsan maddeen warreen biroo meeshaalee waraanaa gurguddaa konkolaataa aguugamaan socho’aa jiran ammoo magaalaa Amboo qaxxaamuruun gara lixa Oromiyaatti qajeeluu addeessaniiru.
Mootummaan maafi’aa PP namootni baay’een akka nagaa buusuuf yaadota garaagaraa dubbatanis mootummichi hundee irraa waanta aangoo isaa irratti isa cimsu malee mareen walitti bu’iinsa hiikee nagaa waaraa uummataaf fiduu akka hin barbaanne kan ibsu osoo lola dhaabaa mari’adhaa jedhanii lafa Oromoo cufa irratti guyyaa guyyaan loltoota isaa fayyadamee rasaasa dhukaasuu irra darbe namoota nagaa eeboo fi albeen Waraana Bilisummaa Oromoo sakattaana jechuun dararaa jiraachuun taatee tibbanaa ti.
