Godina Qellem Wallagga Aanaa Anfilloo keessatti waraanni bilxiginnaa nama tokko ajjeesan.
( oduu ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Murni faashistii PP yakka tokko malee ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabeessee itti fufuun godina Qellem Wallagga ona Anfilloo keessatti kaleessa nama tokko ajjeesan.
Waraanni sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru kun kaleessa Waxabajjii 13,2022 waaree dura qeerroo Oromoo maqaan isaa Milkiyaas Dingataa jedhamu ona Anfilloo ganda Dawoo Toobbii bakka addaa Toobbii jedhamutti rasaasa rukuchuun ajjeesan.
Sirni ilmaan Oromoo nyaachuu aadeeffate kun baatii tokko duras gandoota ona Anfilloo kanneen akka Garjeeda, Heenachee, Yaarer fi Gobbii Ijaarii keessatti lubbuu qulqulluu hedduu galaafatanii jiraachuu gabaasaa turre.
