Tarkaanfii WBOn waraana faashistii bilxiginnaa irratti fudhatu itti fufuun Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galaa Cibraan Irbuu Shinniiggaa lixa Shaggar aanaa Ilfataa fi Cobiitti tarkaanfii taasiseen injifannoo goonfateera.
( ONM-ABO Waxabajjii 17,2022 )
Aanaa Ilfataa magaalaa Guutee keessa jajjabeen WBO seenuun tikoota bilxiginnaa sadii uummata Oromoo ajjeesaa fi ajjeesisaa turan irratti tarkaanfii fudhateera.
Waxabajjii 14,2022 magaalaa aanaa Cobiitii maqaa sakattaa WBO jedhuun gandoota akka Qorichaa Kootichaa, Hoofuu fi Diggoo Dachaa keessatti sochii taasisteen tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhatameen reenfa awwaalaa, madoo guurracha oolte.
Waxabajjii 14,2022 ganda Qorichaa Kootichatti lola lolameen 3 du’aan adabee 2 madoon yoo tolchu waxabajjii 15,2022 ganda Hoofuutti nama 5 du’aan 3 madoon adabeera.
Waraana ishee ganda Hoofuutti ajjeefaman abiddaan gubuun kan awwaallatan yoo ta’u lafa itti dhiiganitti reenjarii fi laastikii mana uummataatii baasanii irratti gubaa turan.
Kaleessa Waxabajjii 16,2022 lolli guddaan ganama sa’a 3:00 irraa eegalee ganda Diggoo Dachaa bakka addaa Ruujjaatti kan gaggeeffame yoo ta’u faashistoonni Abiy Ahimed akka baalaa harca’an.
Lolli lixa Shaggar bakkoota tokko tokko keessatti itti fufee waan jiruuf gabaasa isaa hotdofnee isin dhageessisna.
Injifannoon Uummata Oromoof
