• Thu. May 14th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Shaggaritti tarkaanfii guggubduu diina irratti fudhachuu bewksise

Jul 16, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Shaggaritti tarkaanfii guggubduu diina irratti fudhachuu bewksise.

(Adoolessa 16, 2022 ONM ABO)

Gootichi ija barbadaa, Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’u Adoolessa 15, 2022
Tarkaanfii Ona warra jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa iddoo addaa Ejersa jedhamutti fudhateen injifannoo diina naasuu hamtuutti gateefi fira gammachiise fudhatee jira.

Tarkaanfii fudhatame kanaanis humna wal maktuu diinaa qaamolee gara garaa irraa walitti dhufuun sakattaa WBO jechuun uummata nagaa jireenya dhorkaa turte 50 battalatti du’aan yoo adabu, 30 ol madoo hin horoomneen gaggeesseera.

Humni adabbii tolte kun reeffa ishii iddoo hamusii jedhamutti kan awwaalte yoo ta’u, madoo walitti qabdee waliin rakkachaa jiraachuunis beekameera.

Lola kanarratti WBOn meeshaalee lolaa dugda diinaa irraa hiikuun galii dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof kan oolche yoo ta’u, diinni ajajoota waraanaa 2 dabalatee dhukaastota diishqaa 3 du’aan dhabdee jiraachuu gabaasni Kaaba Shaggar irraa nu dhaqqabe ni mirkaneessa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading