• Mon. May 4th, 2026

Gabaasa gumaacha diinagdeen gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tin’isuuf taasifame

Jul 18, 2022

Gabaasa gumaacha diinagdeen gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 18,2022n.

( ONM-ABO Adoolessa 18,2022 )

Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma Kanaan Ilmaan Oromoo Quuqama Saba Isaanitif Qaban “Garee Qarree NetWork Tiktok” jalatti Walitti Qabamuun TIK TOk irrati maallaqa WBOf guuraniin USA Irraa doolaara 13,261 Biyya Arabaa Irraa doolaara 6748.99 , Walii gala doolaara 20,009 walitti qabuun Karaa WBO Taks Force WBO qaqqabsiisanii jiru.

MAADHEE BAABURA QABSOO MAGARSAA BARII Marsaa 7ffaaf qarshii Itoophiyaa 18,750 WBO hundeen jaabessuf gumaachinii jiru.

Tumsii fi deggarsi WBOf taasifamu kan yoomiyyuu caala cimee itti fufee jira.

Akka kanaan Jaarmiyaan Tokkumma Baqattoota Biyya Yaman “konyaa Radaa Gurmuu Urjii jalatti walitti qabaman WBO diinagdeen cimsuuf marsaa 22ffaa USD 18,400 akkasumas maandheen Shamarraan Gurmuu Urjii jalatti ijaaraman Doolaara 100 walumaa galatti doolaara 18,500 WBO qaqabsiisanii jiru.
Gareen Gurmuu Urjii kun ibsa ejjennoo bafataniinii jiru.

  1. ABO-WBO tin’isuuf dirqama duraan qabnuun alatti waamicha hatattamaa ajajaa olanaa ABO,WBOn fudhaanne baane jirra.
  2. Gurmuun urjii deggarsaaf tumsa ABO-WBOf taasisuu kan duraa caalaa ofitti fuudhee hanga bilisummaa fi walabummaa itti fufa.
  3. Qaamota qabsoo gootonni meeqa irratti wareegamanii asiin gahan duubatti deebisuuf afaan faajjii uumuuf tattafatan dura nidhaabbanna.
  4. Warreen mana diinaa keessa ta’anii yakka raawwatan seenaanis seeraanis ni gaafatamu. Aggammii diinni moona qabsoo ABO-WBO fi Biyyaa alaatti xiyyeeffatee jiru dura dhaabbannee fashaleessina jechuun koonyaan Radaa Gurmuu Urjii ibsatanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna!

Horaa bulaa deebanaa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading