Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti waraana weerartuu konkolaataa afur daaraa godhate.
( ONM-ABO Adoolessa 18,2022 )
Korommiin ilmaan Oromoo WBOn zoonii lixaa keessa socho’u Adoolessa 18,2022 toora sa’a 5:00 irraa kaasuun waraana faashistii PP ona Anfilloo magaalaa Muggii irraa gara magaalaa Dambii Doolloo deemaa turte irratti tarkaanfii laalessaa fudhatameen waraanni bilxiginnaa konkolaataa waraanaa oraalii 1, 3F 1 fi konkolaataa uummataa lamaan turte irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii kanaan kan baaragde waraanni murna bilxiginnaa konkolaataa, reeffaa fi madoo ishee dhiistee baqattee jirti.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo konkolaataa diinaa ibiddaan barbadeessee jira.
Sababa akka dansaatti haleelamteef jecha humna dabalataa ganda Dallootti fiduun meeshaa waraanaa guddaa jettu ZU -23 dhukaasaa jirti.
Guutuu gabaasa kanaa odeeffannoo dabalataa walitti qabuun isiniif dhiyeessina.
Injifannoon Uummata Oromoof!
