Injifannoowwan WBO boonsaa fi diina baaragsan.
( ONM-ABO Adoolessa 23,2022 )
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan qaqqaaliiwwan urjii lolaa WBOn zoonii Giddu Galeessaa Oromiyaa godina lixa Shaggar ona Sayyoo ganda Dirree Hayyuu bakka addaa Laga Suphee jedhamu irratti Adoolessa 20,2022 waaree booda toora sa’a 10:30 kaasee hanga sa’a 1:30tti tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhateen lotoota faashistii Abiy Ahimed 35 ol akka baalaa yoo harcaasu 12 madeessee jira.
Tarkaanfii WBOn ona Sayyoo ganda Dirree Hayyuutti dheengadda fudhateen hidhamtootni ilmaan Oromoo 15 waraana bilxiginnaan badii tokko malee qabamanii deemaa turan haleellaa akka bakakkaa kanaan akka gadhiifaman taasifamaniiru.
Tarkaanfii boonsaa kana itti fufuun sa’a wal fakkaataatti onuma Sayyoo ganda Daannoo Guddattuu keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii akkaan boonsaa fudhachuun hedduu ajjeesee gariin madeessee jira.
Guyyuma sana tarkaanfii magaalaa Sayyoo keessatti fudhateen mooraa keessaa ari’ee baasuun qabeenya diinaa barbaachisoo dhuunfachuun magaalaa gadhiisee ba’eera.
Waraanni bilxiginnaas erga baqatanii magaalaa ala bulaniin booda guyyaa itti aanu, jechuun Adoolessa 21,2022 magaalaa Sayyootti lafa duwwaa dhukaasa hamaa dhukaasaa ol deebi’uun ishee ni beekama.
Korommiin lixa Oromiyaa WBOn zoonii lixaa tarkaanfii diina naasise fudhatee jira.
Tarkaanfii guggubduu kana kan fudhate godina lixa Wallaggaa ona Begii ganda Gabaa Kamisaa keessatti mooraa waraana bilxiginnaa irratti Adoolessa 20,2022 ganama toora sa’a 12:00 irraa kaasuun hanga waaree booda sa’a 11:00 irratti taasiseen mooraa Gabaa Kamisaa keessaa buqqisee jira.
Waraana bilxiginnaa mooraa Gabaa Kamisaa keessaa buqqise kana ari’uun gara magaalaa Begiitti kan galche yoo ta’u, guyyuma sana mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Begii kan mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irratti tarkaanfii taasiseen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaan waraana bilxiginnaa irraa 50 ol yoo ajjeesu 25 madeessee jira.
Yeroo ammaa Hospitaala magaalaa Begii keessatti dhukkubsataa cufa hospitaala keessaa baasuun mooricha keessatti madoo isaanii yaalchisaa jiru.
Bakka lolli itti geggeeffametti hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffi bakkee irra akka jiru barameera.
Lola kanaan qawwee AKM 12 hidhannoo waliin kan dugda diinaa irraa hiikkate yoo ta’u, waraana bilxiginnaa 2 harkaan qabee jira.
WBO balleessinaaf Shimallis Abdiisaa daboo waraanaa kadhatus Abiy Ahimed paarlaamaa irraa akka harree halakuu fi teekinooloojii jira jedhamu akkasumas tooftaa garaagaraa fayyadamuun WBO fi hoggana isaa irratti tarkaanfii fudhachuuf shubbisanis gootichi ija barbadaa guyya guyyaan dhiiga boochisaa oolaa jiraachuun ni beekama.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga impaayeerri afaan qawween ijaaramte afaan qawween diigamuun Oromiyaan Walabaa ijaaramtutti itti fufa!
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
