• Thu. Nov 26th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti tarkaanfii fudhachuun barame

Jul 24, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti tarkaanfii fudhachuun barame!

( ONM-ABO Adoolessa 24,2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Akka kanaanis har’a waaree booda Adoolessa 24,2022 toora sa’a 7:30 irratti korommiin lixa Oromiyaa WBOn godina lixa ona Laaloo Assaabii ganda Axxoosii ganda Biringee jedhamtu keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhateen 13 yoo ajjeesu 8 madeessee jira.

Lolli itti fufee waan jiruuf guutuu gabaasa isaan walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply