Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 27,2022 dhihaate.
( ONM-ABO Adoolessa 28,2022 )
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan qaqqaaliiwwan urjii sabaa maandhee OSPG ( Oromo Sisterhood Group Project ) jedhu jalati gurmaa’uun doolaara Ameerikaa 2,000 moonaa fayyaa WBO gumaachanii jiru.
Gara fuula duraattis tumsaa fi deggarsa WBOf keenyaaf taasisifnu cimsanee itti fufna jechuun Waadaa seenanii jiru.
Maadheen Mul’ata sabaa lakkoofsa15 marsaa 4ffaaf qarshii (5,000) WBO’f gumaachaniiru.
Maadheeleen kun ibsa ejjannoo kan armaan gadii baafataniiru…
1.Gumaachi keenya haga bilisummaatti kan itti fufu ta’a.
2.WBO lubbuu isaa jijjiirraa hin qabne nuuf kenneef nutis waan dandeenyu maraan bira dhaabbanna jdhanii jiru.
Ittuma fufuun ilmaan Oromoo maadhee Buruussoo Boruu lakkoofsa 2 jalaatti gurmaa’an qarshii (1000) WBO’f gumaachaniiru.
Maadheen Utubaa Qabsoo Bahaa Biiftuu lakkoofsa lama jalatti ijaaraman gumaacha WBO’f qarshii (1,600) marsaa jalqabaatiif gumaachanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u jennaan.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof
