Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 29,2022n
( ONM-ABO Adoolessa 29,2022 )
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Maanguddoon Oromoo “Haadhaa Oromoo” jedhamuun beekamtu dhuunfaan qarshii 4000 WBOf arjoomanii jiru.
Maanguddoon kun dhaamsa dhaammatteen ani umrii koo guutuu qabsoo kana irratti fixadhee, bilisummaa arguuf osoon hawwuu dhaloota kanaan baate.
Dhaloonni kunis qabsoo itti ifaajnee asiin geenye xumura itti gochuuf rarraga irra geesse Oromoo keessaa fi alaa WBO jabeeffadha jechuun dhaammatan.
Saboontoonni ilmaan Oromoo maandhee “WBO Ibsituu Dukkanaa” jedhu jalatti gurmaa’an marsaa 6ffaaf deggarsa WBOf taasisaniin qarshii 30,087 ( kuma soddomaaf saddeettamii torba ) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Maandheen WBO ibsituu dukkanaa kun ibsa ejjennoo baafataniiru.
- Hanga Oromiyaan walaboomtee Oromoon bilisoomutti deggarsa WBOf taasifnu dachaan itti fufna.
- Warreen Burjaajii uumuun olola dharaa WBO irratti oofan tokummaan dura dhaabbanna
- Oromoo afaan qawweetiin cabe, nagaan isaas kan dhufu afaan qawweetiini jechuun ibsa ejannoo baafataniiru.
Gareen Tumsa WBO biyya ” Ayirlaand ” WBO diingadeen cimsuuf buusii dhaabataa buusan qarshii impaayeera Itoophiyaa 35,000 ( kuma soddomii shan ) WBOf gumaachaniiru.
Gara fuula duraattis hanga WBOn sirna abbaa irree Abiy Ahimediin hogganamu hundee buqqisee bilisummaa uummata Oromoo gonfachiisutti bira dhaabbanna jechuun waadaa seenanii jiru.
Sabboontoonni ilmaan Oromoo maadheen “Gadab Hasasaa” jalatti gurmaa’an WBO diinagdeen jabeessuuf doolara 525 WBOf gumaachaani jiru.
Gumaachi keenya hangaa qabsoon ABO_WBOn godhuu galmaa ga’utti kan itti fufu ta’uu waadaa galanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
