Godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo keessatti waraanni murna bilxiginnaa barattoota dirqamaan qabuun of bira bulchanii gadhiisan.
ONM-ABO Hagayya 6,2022 Waraanni murna bilxiginnaa saalfii fi safuu hin beekne shamarran Oromoo sababoota garaagaraatti fayyadamuun qabanii gudeedaa fi dirqamaan of bira bulchuun maatii shamarranii akkasumas shammarran sana qorqalbii cabsaa jiru.
Godina Qellam Wallaggaa ona Anfilloo ganda Waabaa Eebbaa keessatti torbe kana keessa barattoota shamarranii qormaataa kutaa 8ffaa mana barumsaa Waabaa Eebbaatti fudhatan cufa qabuun, isin guyyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa Gambeellaa lolee deebi’e dhaadhaa rifeensatti dibuun rifeensa dha’aafii waan turtanii yakkamoodha jechuun tursiisan.
Sobaan erga yakkanii tursiisaniin booda mana yaalaa gandichaa amma mooraa waraana bilxiginnaa ta’e keessa erga tursiisaniin booda halkan achuma keessa waliin buluun sagagilummaa irratti akka raawwatan maddeen ibsaniiru.
Murni bilxiginnaa ganda Waabaa Eebbaa keessatti uummata waltajiii waamuun ijoollee shamarranii keessan qofaa hin deemsisinaa, nuti waraana keenya eegnee hin dandeenyu erga jedhanii uummatatti himanii booda waraanni bilxiginnaa maqaa uummmata Amaaraa eegnaan qubatan halkan shamarran humnaan qabanii waliin bulaa jiraachuu maddeen kun dabalanii addeessaniiru.
