Gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Hagayya 5, 2022
( ONM-ABO Hagayya 6,2022 )
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan jaarmiyaan kaayyoo Irbuu Shinniggaa WBO Wabii Sabaa damee 2ffaa deggersa WBO marsaa 8ffaa irra kan jiru yoo tah addatti miseensotni garee kana jalatti jaaramanii jiran dirqama dinagdee ji’a ji’aan rasaasa waraana bilisummaa Oromooof oolu baasuun cinaatti gumaacha addaa dirqama ofirratti fuudhanii meshaa lolaa PKM tokko fi kilaashii AKM tokko rasaasa isaanii waliin bituun mooraa waraana bilisummaa Oromoo qaqqabsiisanii jiru.
Gara maallaqaatti yoo jijjiiramee qarshii impaayeera Itoophiyaa 762,657 ( kuma dhibba torbaa fi ja’atamii lamaa fi dhibba jaaa fi shantamii torba ) mooraa waraana bilisummaa Oromootiin gaa’anii jiru.
Kana malees WBO hidhannoon jabeessuuf gara fuul durattis gumaachi kun kana caalaatti kan itti fufu ta’uu dhaammatanii jiru.
Gumaacha taasisaniin cinaatti ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.
- Nuti miseesootni garee KAAYYOO IRBUU SHINNIGAA olola yeroo ammaa miidiyaa hawaasaa irraa deemaa jiru kanaaf osoo bakka hin laatin hojii keenya gara fuulduraattis kana caalaatti dirqama dinagdeen waraana keenya cinaa ni dhaabbana jechuun miseensooni kunniin waadaa isaanii haroomfatanii jiru
- Hanga xumura gabrummaatti qabsoon keenya itti fufa
- Uummanni Oromoo alaa fi keessan qabsoo ABO-WBOn durfamu faana hiriirtanii gabrummaatti xumura haa goonu jechuun waamicha Oromummaa dabarfatanii jiru.
Tumsii fi deggarsi WBOf taasifamu keessaa fi alaan cimee itti fufuun “Maadheen Gadaa Gammada fi Maadheen Karaa Gaatiraa” qarshii impaayeera Itoophiyaa 1600 gumaacha WBOf taasisanii jiru.
Sabboontotnni ilmaan Oromoo biyya ambaa keessa jiraatan dhuunfaa-dhuunfaan waan ittiin jiraatan irraa hir’isuun WBO jabeessuuf gumaata maallaqaa taasisanii jiru.
Sabboontotni kunneen asiin duras Tumsa Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Gabbisuu jalaa hafanii kan hin beekne yoo ta’an, gara fuula duraatti Diinagdeen Tumsa taasisuu hanga Qabsoon Bilisummaa Oromoo Galma geettutti kan itti fufan ta’uu illee waadaa seenanii jiru.
Warreen gumaacha maallaqaa dhuunfaa dhuunfan taasiisan
- Siifan Tarreessaa Qarshii, 10,000
- Jaallattuu WBO Qarshii, 7,500
- Gannat Asaffaa Qarshii, 6,600
- Aragguu Shawaa Qarshii, 2,500
- Siifan Oromoo Qarshii, 6,000
- Anii Siifan Qarshii, 3,300
- Finfinnee Oromiyaa Qarshii 2,830 kanneen jedhaman ta’uu gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
