• Wed. Nov 25th, 2026

Hayyuun Oromoo Pr. Mohaammad Hasan bilisummaa isaatiif uummatni Oromoo tokkummaan WBO jabeessuu qaba jechuun turtii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisan irratti dubbatan

Aug 6, 2022

Hayyuun Oromoo Pr. Mohaammad Hasan bilisummaa isaatiif uummatni Oromoo tokkummaan WBO jabeessuu qaba jechuun turtii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisan irratti dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 6,2022-Gaaffii fi deebii dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti kaleessa Hagayya 4,2022 hayyuun seenaa Pr. Mohaammad Hasan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisan irratti dhimmoota gurguddoo garaagaraa kaasanii jiru.

Dhimmoota kaasan keessa tokko qabsoon Oromoo namoota sirna TPLF kaleessaa keessaa ba’aniin butamee harka finxaaleyyii Amaaraa jala galfamuun uummata Oromoo akkaataa sirna Minilik duriin si bulchaa fi na hin bulchitu jedhu gidduutti uumameen Oromoon aarsaa kan yeroo kamiyyuu caalaa baasaa jira jedhan.

Murni bilxiginnaa amma aangoo irra jiru mootummaa jedhuun hin danda’amu kan jedhan hayyuun namoota diinaaf ergamanii Oromummaa cabsuuf gaafa masaraa seenan irra kaasanii karoorfatan ta’uu ibsabiiru.

Dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo amma geggeeffamaa jiruu fi impaayeerattii wal bira qabuun yoo ibsan Pr. Mohaammad Hasan, qabsoo karaa nagaa geggeessuuf namuu mirga akka itti qabu kaasuun, impaayeera diiguu fi impaayeera akka Itoophiyaa kaleessa Oromoo qawween cabsitee har’as qawween ilaalcha Minilik tarkaanfachiisaa bulchaa jirtuuf furmaatni afaan qawwee akka ta’e kaasaniiru.

Qabsoo karaa nagaa jedhamu kan Hindii fi Afrikaa kibbaa kaasuun kan ibsan hayyuun Oromoo kun, Ingilizootni biyyoota lameen bulchaa turan miidhaa dabalataa keessa seenuu waan hin barbaanneef bilisummaa biyyoota sanaa kan kennaniif yoo ta’u, biyyootni lamaanuu qabsoo lachuu wal cinaa gochaa turan jechuun impaayeera akka Itoophiyaa fooliin diimookiraasii keessaa hin urgoofne keessatti bu’aa qabeessummaan qabsoo karaa nagaa xiqqaa dha jedhan.

Qabsoon Oromoo akkaataa barbaachiftuu fi dantaa Oromoo eeguu dandeessutti gamtaa tolfachuu akka qabdus kaasuun, qabsichii fi miidhaan uummata keenya irra ga’u akkuma kan warra kaabaa sagalee akka argatuuf tokkummaan wal bira dhaabbachuun barbaachisaa dha jechuun Oromoon bakka cufaa waliif birmaachuu akka qabu dhaamaniiru.

Itti dabaluunis haala rakkisa amma uummatni Oromoo keessa jiru keessa ba’uuf uummatni Oromoo tokkummaan ilmaan isaa WBO maddii dhaabbachuu qaba kan jedhan hayyuun Oromoo Pr.Mohaammed Hasan ajajootni waraana bilisummaa Oromoo qabsoon Oromoo akka tarkaanfattu taasisan fuula duras haala jiru irratti hubannoo fi garaa bal’annoon uummata Oromoo galma bilisummaan ga’uu qabu jechuun yaada isaanii turtii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa waliin taasisan irratti dubbataniiru.

Guutuu gaaffii fi deebii isaanii Qophii Qorqortii Siyaasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti qabannee isiniif dhiyaanna.

Leave a Reply