Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Hagayya 8, 2022
ONM-ABO Hagayya 8, 202, Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Tumsii fi deggarsi WBOf taasisan Keessaaf Alaan Cimee Itti fufuun Jaarmiyaan Twitter Space gumaacha marsaa 4ffaa qarshii 300,000 ( kuma dhibba sadii ) WBO galii taasisaniiru.
Jaarmayaan Twitter space kun WBO hanga bilisummaatti diinagdeen cinaa dhaabachuu itti fufna jechuun uummata Oromoo bal’aafis waamicha tassisaniin j waraana duguuggaa sanyii nu irratti geggeeffamaa jiru kana ofirraa qolannee biyya keenya Oromiyaa Walabaa ijaaruuf tokkummaa keenya haa jabeeffannuu jechuun waamicha taasisaniiru.
Abbaan Qabeenyaa dhuunfa Wabii WBO jedhamuun beekamu biyya Keessaa irree fi gaachana ummaata Oromoo kan ta’ee WBOf gumaacha qarshii 1,250,000 ( miliyoona tokkoof kuma dhibba Lamaaf shantama ) gumaacha godheera.
Hanga qabsoon bilisummaa Oromoo galma ga’uutti qabeenyaa fi beekumsa isaan akka deggeru waadaa seenee jira.
Miseensonnii fi deggartoonni qabsoo bilisummaa Oromoo WBO diinagdeen jabeesuu fi gabrummaatti xumura gochuuf miseensonni tumsa Hegeree Oromiyaa fi deggartootni qabsoo bilisummaa Oromoo milkeessuuf ijaaraman buusii ji’aa biyyaa Ameerikaa Minisootaa fi Ohaawu irraa maallaqa walitti qabuun WBOf doolara Ameerikaa 5,200 (kuma shanii fi dhibba lama ) qarshii impaayeera Itoophiyaatti 417,500 ( kuma dhibba afurii kuma kudhaa torbaa fi dhabba shan ) galii taasisanii jiru.
Gara fuula duraattis hanga Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti deggarsa WBOf taasisan cimsanii akka itti fufan waadaa seenanii Jiru.
Tumsii fi deggarsi WBOf taasifamu cimee itti fufuun Gareen Sisterhood Project Group ammas Waraana Bilisummaa Oromoo jabeessuuf doolaara 1,000 WBO qaqqabsiisanii jiru.
Dargaggoon Che Guevara jedhamu WBO jabeessuuf doolaara Ameerikaa 100 WBO qaqqabsiisee jira.
Maandheen Qeerroo Bilisummaa Oromoo ka mooraa university Madda Walaabuu “GURMUU HAQAA” jedhamuun beekamu qarshii 1100 WBOf gumaachanii jiru.
Deggarsi WBOf godhamu ittuma fufuun naandheen ” Guutamaa- Hawaas” magaalaa Adaamaa keessatti gurmaa’aan waraana isaanii WBO jabeessuuf qarshii 10,750 WBOf gumaachanii jiru.
Sabboontootni ilmaan Oromoo impaayeerattiii keessaa fi biyya ambaa jiraachuun deggersa WBOf taasisan kunneen hanga bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti akka itti fufan waadaa seenuu isaanii gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
