Hongeen aanolee gammoojjii godina baha Harargee rukute ona Qumbii keessatti uummataa fi beelladoota irraan miidhaa ga’aa jiraachuun ibsame.
ONM-ABO Hagayya 8,2022 iImpaayeera karoora abjuu mataa nafxanyootaa Abiy Ahimediin impaayeerattiin waggaa tokkoon booda qamadii alatti ergitii fi fuula duratti addunyaa kana irraa biyyoota humna qaban lama mul’atan keessaa tokko taati jechuun qilleensa namoota hammaarsisaa jiru keessatti ilmaan Oromoo sababa hongeen beelaa miidhamaa jiru.
Baha Oromiyaa godina baha Harargee ona Qumbii keessatti ilmaan Oromoo sababa hongeen hammaatteef beelladootni marga dheedan dhabanii du’aa jiraachuu fi namootnis qaama fixanii du’a eeggachaa jiraachuu jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ibsaniiru.
Akka jiraattootni kun jedhanitti sababa hongee kanan namni waan nyaatu akka dhabee fi aanaan Qumbii lafa horsiisee bultootaa waan ta’eef horiin akka malee irraa dhumee jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo kanaaf iyyatanis qaamni mootummaa ani biyyan bulchaa jira jedhuu tokko iyyuu birmannaa gochaafii akka hin jirre kaasuun isa dhufe iyyuu gurguranii dantaa dhuunfaaf kan oolfatan ta’uu ibsuun, uummata beelaan waxalamaa jiru waltajjii siyaasaa, waraana bilisummaa Oromoo fi deggersa maallaqaa jechuun uummata dararuuf qofa akka ta’e addeessan.
Baatii bonaa keessa marsaa tokko qofa dhaabni Fannoo Diimaa addunyaa dhufee nyaata horii kennuu kaasuun, suniyyuu horsiisee bulaa mara bira hin geenye jedhan.
Ona Qumbii malee aanotni ollaa isaanii kanneen akka Gola Odaa, Maayyuu Muluqqee fi Burqaa Dhiintuu Lixa Harargee keessaa haala hamaa keessa jiraachuu dubbataniiru.
Dhuma irrattis rakkoo hongee isaan mudatee murni impaayeerattii bulchaa jiru addunyaa fi dhasbbiler gargaarsaa jalaa dhoksuu qofaatti nu miidhaa waan jiruu uummatni Oromoo sagalee akka nuuf taatan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
