Murni bilxiginnaa godina Arsii bahaa ona Qarsaa Muneessaa keessaa uummata buqqisaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 9,2022 Ilmaan Oromoo badii tokko malee qe’ee jireenyaa isaanii irratti manni jalaa gubachaa fi qe’ee isaanii gadhiisanii akka buqqa’an ta’aa jiru.
Torbee darbee qabuun godina Arsii bahaa ona Qarsaa Muneessaa keessatti gandoota qarqara bosonaa jiran keessaa manneen gubuun uummatni buqqa’ee akka magaalaatti galu taasisaa jiru.
Sababa kanaan namootni manneen osoo waraanni murna bilxiginnaa dhaqee jalaa mana hin gubin manneen isaanii diiguun ooyiruu isaanii gadhiisanii godaanaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Arsii bahaa onoota sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti hammachuun murni bilxiginnaa injifatamaa jiru keessatti ergamtootni sirnichaa haaloo uummata nagaatti ba’aa jiraachuun baratamaa ta’ee jira.
