• Tue. Nov 24th, 2026

Uummatni Guraagee gaaffii naannoo ta’uu karaa seeraa gaafate waan dhabeef lagannaa gabaa eegaluun dhagaa’ame

Aug 10, 2022

Uummatni Guraagee gaaffii naannoo ta’uu karaa seeraa gaafate waan dhabeef lagannaa gabaa eegaluun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 10,2022 Uummattootni impaayeera Itoophiyaa gaaffii mirgaa fi hiree ofiin of bulchuu gaafaachuu itti fufuun naannoo uummattoota kibba lixa impaayeerattii keessaa uummatni Guuragee gaaffii naannoo ta’uu gaafachaa ture waan deebee dhabeef gara gabaa lagannaatti jijjiiranii jiru.

Sababa murni bilxiginnaa gaaffii naannoo ta’uu eyyamuu irraa saboota biroo waliin walitti hidhee bifa kilaasteeraan naannoo akka ta’aniif barbaade mormiin gabaa lagannaa kaleessa Hagayya 9,2022 magaalaa Walqixxee fi naannoo isheetti finiinsaa oolan.

Uummatni Guraagee murtoo akka kilaastetaatti naannoo akka ta’uuf jaarsolii biyyaa, abbootii amantaa fi namoota dhageettii qaban waamanii waltajjii dheengadda Hagayya 8,2022 geggeessaniin murtoo kilaasteraa mormuun gaaffii mirgaa isaanii gaafachuu akka itti fufan murteessanii ba’an.

Sanuma bu’uura godhachuun gabaa lagannaa eegale kanaan dhaabbileen tajaajila hawaasummaa kennan martuu tajaajila kennan dhaabanii lagannaa geggeeffametti kan makaman yoo ta’u magaalaatti keessatti qaama mormii isaanii karaa nagaa geggeessan qaamolee hawaasaa garaagaraa fi hawaasa dhaadannooleen ergaa naannoo ta’uu Guraagee ibsan callaatu magaalattii keessatti mul’achaa ture.

Mormii murtoo kilaasteraan naannoo ta’uu mormuun uummatni Guraagee qofaatti naannoo ta’u qaba jechuun geggeeffamaa ture guutuutti naga qabeessa ta’us poolisoota humna addaa naannichaa fi poolisoota federaalaa hedduuminaan magaalattii keessatti kaleessa waaree boodaa kaasuun qubsiisaa turuu maddeen ibsaniiru.

Gaaffii naannoo ta’uu impaayeerattii keessatti jabaachuun erga uummatni Siidamaa naannoo ta’ee as uummatni Walaayittaa okkora cimaa geggeessaa kan turee fi ammayyuu mormii keessa kan jiran yoo ta’u uummatni Qimaant gaaffii naannoo ta’uuf gaafataniin deebii waan dhabaniif qawwee kaasuun falmaa hidhannoo irraa jiraachuun ni beekama.

Lola impaayeerattii keessatti osoo wal irraa hin citin waggoottan arfan darbaniif geggeeffamaa turee fi beela amma kibba baha impaayeerattii mudatee jiru waliin gaaffiin eenyummaa fi mirga hiree murteeffannaa kana waliin murna bilxiginnaa jalatti impaayeerattiin suutumaan diigamaa akka jirtu xinxaltootni siyaasaa ni dubbatu.

Leave a Reply