• Wed. Nov 25th, 2026

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame

Aug 11, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.

Gabaasa kaleessaa

ONM-ABO Hagayya 10,2022 Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan lammileen Oromoo biyya Israa’el jiraatan garee Hiddi Hiddaaf jedhu jalatti wal ijaaruun qarshii impaayeera Itoophiyaa 78,000 ( kuma torbatamii saddeet ) WBOf gumaacha godhanii jiru.

Lammileen kunneen yeroo garaagaraatti WBO gargaaraa turuun isaaniis ni yaadatama.

Lakkoofsaan xiqqoo taanus hanga dhumaatti WBO wajjin ni dhaabbanna jechuunis dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Deggersi WBOf taasifamu biyya keessaa fi biyya alaa irraa cimsee itti fufuunn konyaan Sheek Bakrii Saaphaloo Maadheen “Muldhis Gadaa fi Elemoo Qilxuu” WBO dinagdeen cimsuuf gumaata maallaqaa qarshii impaayeera Itoophiyaa qarshii 9700 kuma sagaliif dhibba torba WBOf gumaachanii jiru.
Gara fuula duratti hanga uummanni keenya bilisoomee mirga abbaa biiyummaa isaa kabachiifatutti qabsoon keenya itti fufa jechuu isaanii gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply