• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn baha Shaggar ona Dugdaa keessatti waajjira poolisii irratti tarkaanfii fudhat

Aug 16, 2022

WBOn baha Shaggar ona Dugdaa keessatti waajjira poolisii irratti tarkaanfii fudhate.

ONM-ABO Hagayya 16,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu itti fufuun diina du’aa fi madoon adabaa jira.

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn giddu galeessa Oromiyaa baha Shaggaar keessa sosso’u Aanaa Dugdaa Booraa magaala Maqii keessatti tarkaanfii diina irraatti fudhateen Injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Halkan dheengaddaa Hagayya 14, 2022 magaala Maqii waajjira poolisii aanaa Dugdaatti seenuun gootichi onnee sibiilaa WBOn tarkaanfii fudhateen waajjira keessa qubaatanii turan keessaa 5 ajjeesuun 3 madoon adabee waajira keessaa ari’ee baaseera.

Tarkaanfii laalessaa yeroo sanatti fudhateen WBOn meeshaa waraanaa dabalatee wantoota waajjira keessa jiran dhuunfateera.

Akka kanaanis qawwee AKM 9 rasaasa kilaashii 270 waliin mooraa diinaa keessaa dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Diina irraa hiikuun hidhannee qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ni geenya!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply