Gandoota godina Arsii Bahaa ona Zuwaay Dugdaa garaagaraa kees
ONM-ABO Hagayya 17,2022 bilxiginnaa osoo uummatni isaa beela’uu beelicha haaluun qamadii gara biyya ambaatti ergina jechuun goyomsaa siyaasaa geggeessaa jiru, osoo uummaticha nyaataan hin qaqqabin beelli babal’achuun onoota gammoojjii Arsii bahaa keessattis uummataa fi beelladoota irratti miidhaa geessisaa jira.
Akka kanaanis sababa hongee beelli godina Arsii bahaa keessatti babal’achaa dhufuun ona Zuwaay Dugdaa gandoota akka Caffèe Jilaa, Bashiraa Caffaa, Caffèe Burqituu fi Wushittii keessatti namoonni hedduun beela’uun beelladootni waan dheedan dhabanii du’aa jiraachuun ibsameera.
Gandootni gammoojjii ona Zuwaay Dugdaa sagantaa safetynet’ iin kan jiraatan yoo ta’u, maallaqa sagantaa kanaaf qabee nama tokkoof qarshii 400 ture sababoota akka deggersa raayyaa ittisa biyyaafaa jechuun qarshii 230 qofa kafalaafii jiru.
Ona Zuwaay Dugdaa gandoota gammoojjii kanneen sababa roobni dhibeef miidhaan marguu dide keessatti abbootiin warraa 1000 ol ta’an miseensa maatii guutuu waliin balaa beelaaf saaxilamanii dararaamaa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni bilxiginnaa waggoottan arfan darban lolaa fi ganna dhufaa darbaan magaalota keessa biqilaa dhaabuun suuraa ka’u qonnaan bultootni Oromoo guyyaatti yoo xiqqaate sadii nyaatanii akka bulan irratti hojjechuu irra sangaa qonnaan bultoota ooyiruu irraa hiikee waraana isaa nyaachisaa fi qonnaan bulaadhuma sana ooyiruu isaa irratti ajjeesaa akka jiru ni beekama.
