Murni bilxiginnaa mootummaa naannoo Hararii baadiyoota Baha Harargee of jalatti deebisuuf hojjechaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 17,2022 bilxiginnaa lafa Oromiyaa keessaa fi alaan kukkutaa jiru dalagaa bal’ina lafa Oromiyaa xiqqeessuu qabatee jiru itti fufuun gandoota godina Baha Harargee naannoo Hararii daangessaan Oromiyaa jalaa baasanii Hararii jala galchuuf hojjechaa jiru.
Maqaa babal’ina magaalaa jechuun baadiyoota aanaa Dirre Xiyyaaraa fi Soofii jala jiran dirqamaan gara magaalaa Harariitti dabaluuf murteessanii hojjechaa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Mootummaan naannoo Hararii kanaan duras yeroo hundooftu aanolee Oromiyaa godina Baha Harargee irraa kutachuun naannoo kan taate yeroo taatu har’as gocha sana osoo hin dhaabin dheebuu lafa babal’ifannaaf qaban guuttachuuf gandoota baadiyaa olloota magaalattii jiran of jalatti galchuuf socho’aa jiru.
Sochii murna bilxiginnaa mootummaa naannoo Hararii kan hubatan uummatni Oromoo naannichaa gocha kanatti mufatanii jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
