• Tue. Nov 24th, 2026

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Aug 19, 2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

ONM-ABO Hagayya 19,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa fudhatu itti fufuun zoonii lixaa godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti kaleessa diina gadoochee jira.
Kaleessa ona Mana Sibuu iddoo addaa #Baddaa Tokkee jedhamutti WBOn diina konkolaataa #Sinotruck lamaan gara Karra Waayyuutti fiigaa turan haxxee itti hidhuun haleellaa taasiseen reeffa ishee wal irra tuulun madoo 8tiin adabee jira.

Madoo hospiitaala mandii seenan keessaa tokko hanga gabaasni kun qindaa’etti lubbuun darbee jira.

Mirgi hiree murteeffannaa Oromoo afaan qawween kabajama.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a Reply