Murni bilxiginnaa godina Lixa Harargee addatti humna waraanaan bulchuuf karoora baafatee hojiitti galee jiraachuun barame.
ONM-ABO Hagayya 20,2022 bilxiginnaa erga xumura bara 2021 qabuun sochii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Lixa Harargee keessa jiru dadhabsuu yookiin hanga dhabamsiisuu jedhutti karoorfachuun tooftaalee garaagaraa raawwachaa turan.
Uummata balaaleffachiisuu, uummaticha maqaa WBOn saamuu, hidhuu fi ajjeesuu raawwatanis sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo fi tumsi uummata baduu hin dandeenye.
Kana irraa ka’u waltajjii yeroo darbe taa’aniin Lixa Harargee akkaataa sochii Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin to’achuu ni dandeenya jedhaniin bakka sadiitti qoodanii jiru
Tokkoffaan aanàa Mi’eessoo irra kan qubatan yoo ta’u humni achi qubate aanàa Mi’eessoo, Ciroo, aanàa Mi’eessootti aanu dabalatee Doobbaa gama tokkoo hanga Awaashitti
Kan lammaffaa buufata Baddeessaa yoo ta’u aanota gara Daaroo Labuu, Bookee, Gabiiba, Gubbaa Qorichaa fi Gammachiis keessatti sochii bal’aa taasisu.
Inni sadaffaan buufata Hirnaa yeroo ta’u Bahaa fi Lixa Harargee giddu lameen dabalatee hanga mooraa sadeen wal argutti humna waraaniitiin lixa Harargee bulchuuf hojiitti seenanii jiru.
Waraanni kun WBO adamsuu osoo hin taane uummatatu of keessa WBO dhukse jechuun mana jireenyaa gubuu, qabeenya namoota shakkanii saamuu, araddaa araddaatti nama tokko tokko ajjeesuun akka hawaasni jiilee isaan waliin hojjetu sagantaa kana qopheeffatanii hojjechaa akka jiran barameera.
