• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Cibraan Jaagamaa Badhaanee Waraana Weerartuu Bilxiginnaa Daaraa Gochuu Beeksise

Aug 20, 2022

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Cibraan Jaagamaa Badhaanee Waraana Weerartuu Bilxiginnaa Daaraa Gochuu Beeksise!

ONM-ABO Hagayya 20/2022 Qeerransoonni Cibraa Jaagamaa Badhaanee godina Lixa Shaggar ona Amboo ganda Waddeessaa bakka garaagaraa shanitti barii barraaqaan eegalee hanga gabaasni kun qindaa’etti waraana bilxiginnaa PP maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromootiin uummaata nagaa gooltu akka fixeensa ganamaatti harcaasaa oole.

Mooraa Galaan Waddeessaa fi Qullittii guutummaan guutuutti kan dhuunfate yoo ta’u Dikii lola jabaa geggeessaa ture.

Humna reebduu konkolaataa Sadiin Amboo baatetti haxxee hidhuun qarqara Amboo bakka adda Boxoo jedhamutti konkolaataa tokko daaraa yoo godhu lama ofirra garaagaluun kotte na baasiin of duuba deebiteetti.

Lafee fi dhiiga keenyaan Oromiyaan ni bilisoomti!

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a Reply