• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Lixaa aanaa Heexosa keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota hidhuu fi reebuu hammeessan

Aug 22, 2022

Godina Arsii Lixaa aanaa Heexosa keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota hidhuu fi reebuu hammeessan.

ONM-ABO Hagayya 22,2022 Oromiyaa keessatti yeroo amma waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa dararuu hojii isaa idilee godhachuun bakkoota hedduu keessatti namoota hojii garaagaraa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dalagaa irraa dhorkee hiraarsaa jira.

Keessayuu murrni faashistiin kun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo namoota nagaatti maxxansuun namoota hedduu ajjeessaa hidhaa fi saamuu dalagaa dursaa kan taasifatan yoo ta’u godina Arsii Lixaa aanaa Heexosaa gandoota akka wal Argii fi Daawwee keessatti namoota nagaa hedduu hidhanii darara jiru.

Namoonni badii tokko malee waraana murna bilxiginnaan yakkamuun hidhaman kunis Haaji Ibraaham Gannaa, Haaji Amaan Magarsaa, Abdoo Usaa, Abbaay Abdoo, Xaayer Baatii fi Maajidaa Goobanaa kanneen jedhaman torban lama oliif mana murtiitti osoo hin dhiyaatin hidhamanii dararamaa jiru jechuun maddeen Ona Heexosaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Kana malees namoota karaa irratti waraqaa eenyummaa hin qabne waan isaan qaban saamuu fi reebicha irratti geggeessuun mana hidhaatti darba jirus jedhaniru.

Qondaaltootni bilxiginnaa dararaa kana uummata irraan ga’aa jiran koomaandar Geetiyyee ajajaa poolisoota idilee aanichaa, Yaasin Useen itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa fi Adam Abdoo Milishaa yoo ta’an jarreen kun aanaa Heexosaa keessatti addatti namoota nagaa hiisisuun kan dararaa jiran ta’u maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply