Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Hagayya 23,2022 Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Quuqamtootni saba Oromoo maandhee “Tumsa WBO Biyya Masrii koodii 39” jalatti gurmaa’an WBO jabeessuuf Marsaa 6ffaaf maallaqa Itoophiyaa 6,215 gumaachani jiru.
Jaarmayaan maadhee Urjii Qabsoo Baha Oromiyaa keessatti WBO Zoonii Bahaa jalatti bifa maadhee fi dhuunfaan ijaaramanii qabsoo hidhannoo irraa qooda fudhachaa kanneen jiran marsaa 4ffaaf WBO Zoonii Bahaatiif qarshii 7000 gumaacha tasisanii jiru.
Akka kanaan:
- Aanaa Kombolchaa irraa maadheen Bishaan Danbiyyaa Qr 3500 fi maadheen Ayyaantuu Dagaa lakkoofsa 1 fi 2 Qr 2000,
- Maadheen Raabaa magalaa Harar irraa Qr 1000,
- Maadheen Odaa Nabee lakkoofsa 1 aanaa Dirree Xiyyaraa irraa Qr 500 ABO-WBOf gumacha taasisanii jiru.
Fuuldurafis kanneen maqaa WBOtiin deemee maallaqa uummata irraa guuranii dantaa dhuunfaaf oolfachaa jiran saaxilaa, tumsa fi tin’isa WBOf goonu dachaadhaan itti fufna jedhaniiru.
Sabboontonni ilmaan Oromoo Jaarmiyaa Cibraa ELemoo Qilxuu jalatti gurmaa’an marsaa 4ffaaf deggarsa WBOf taasisaniin qarshii impaayeera Itoophiyaa 83770 ( kuma saddeettamii sadii fi dhibba torbaa fi Torbaatama ) galii godhanii jiru.
Itti Aansuun dhaamsa armaan gadii dabarfatanii jiru.
1.Nuti miseensonni Jaarmiyaa Cibraa Elemoo Qilxuu hanga Oromoon bilisoomee Oromiyaan walaboomtutti hanga lubbuutti deggarsa WBOf goonu itti fufna.
2.Warreen Oromoo jiddutti burjaajii uumuu barbaadan harka wal qabannee tokkummaan dura dhaabbanna jechuun dhaammatanii jiru.
Tumsi diinagdee WBOf taasifamu itti fufuun Jaarmayaan Tokkummaa baqattoota Oromoo Biyya Yaman konyaa Mahraa magaalaa Al Qeeydaa gurmuu Mancaasaa gabrummaa jalatti Shamarran Oromoo tumsa WBOf gumaacha marsaa 4ffaa Riyaala Sa’udii 500 (dhibba shan ) gumaachaanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof
