Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keesaatti Waraanni PP qabeenyaa uummataa saamuu hammeessan.
ONM-ABO Hagayya 23,2022 Rakkoo dinagdee akkasumallee qaala’insa jireenyaa impaayerittii mudatee jiruun dandamachuu kan dadhabe murni bilxiginnaa waraanni isaa bakka jiranitti uummata saamuun akka of jiraachisan haala mijeessuufiin waraanichi golee Oromiyaa cufa keesaatti qabeenyaa uummataa saamuun dantaa dhuunfaa isaaniif oolfataa jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallagga aanaa Saasiggaa keessatti waraanni PP qabeenyaa uummataa jalaa saamuun, qabeenyaa dhaabbataa fi midhaan nyaataa hanga nyaata qophaa’aa mana keessaatti kan fudhatan yoo ta’u, kana malees safartuu midhaanii, saalixii, meeshaalee daldalaa dukkaana keessaa fi doqdoqqee dhaabuun irraa hiikkatanii gara mooraa ofii jiraataniitti geeffachuun itti fayyadamaa jiraachuun jiraattoonni dubbatan.
Walumaagalatti qaaraa, akuurii, boqqolloo, boobee fi akaakuwwan midhaanii argatan hundayyuu kuusaa midhaanii seenuun akkasumallee mana namoota dhuunfaallee osoo hin hambisiin cabsuun saamanii fe’achuun gara mooraa isaanii 2ffaa jedhamutti fe’atanii deemaniiru.
Mana keessaa baaduu fi itittuunillee osoo hin hafiin akkasumas buddeena namoonni tolfatanii manaa qaban gadi guuranii ittiin nyaataa turuu fi kan irraa hafe immoo fudhatanii deemuu namoonni qaamaan argan hadheeffatanii dubbataniiru.
Dabalataan ammoo hawaasa karaa deemu qabanii erga dararaniin booda waan inni harkaa qabu saamaa akka jiranii fi doqdoqqee namoota dhuunfaallee osoo hin hambisiin fe’achaa jiraachuutuu himama.
