Godina Baha Harargee ona Qumbii keessatti dabballoonni fi waraanni murna bilxiginnaa saamichaa fi dararaa uummata irraa ga’an hammeessan.
ONM-ABO Hagayya 24, 2022 Baha Harargee onoota gammoojjummaan babal’achuun uummatni beelaaf saaxilamee jiruuf gargaarsa fiduu fi kan dhufe sirnaan qooduu irra maallaqa hawaasa irraa saamuu akkasumas namoota dhimma ofiif deeman reebichaan cafaqaa ooluu ona Qumbii keessatti dalagaa godhatanii jiru.
Baha Harargee ona Qumbii gandoota hedduu keessatti waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa waliin qindaa’uun gibira humnaan waan namni hin dandeenye kafalchiisaa, maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun maallaqa 400 funaanaa fi maqaa nageenyaan namoota badii malee reebaa oolu.
Aanaan Qumbii aanota godina Bahaa Harargee keessaa kanneen hongeen rukutee yoo taatu, magaalaa aanichaa Minoo keessatti gargaarsa namoota beelaaf saaxilamanii jiraniif dhufe dabballoonni murna bilxiginnaa aanichaa ofiif qooddachaa jiraachuun ibsameera.
Gochoota farrummaa uummata nagaa irratti waraanaa fi dabballoota bobbaasuun dararaa kan geggeessaa jiru bulchaa aanichaa obbo Surur Abdulsalaam akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
