• Wed. Nov 25th, 2026

Shaggar Aanaa Dirree Incinnii ganda Buuyyamaa Roggeetti Humnoonni Faashistii PP Waldaa Amantii keessaa waaqeffattoota baasuun reebichaa fi dararaa hamaa yoo irraan ga’an ona Ammayyaatti qeerroo tokko ajjeesan

Aug 24, 2022

OShaggar Aanaa Dirree Incinnii ganda Buuyyamaa Roggeetti Humnoonni Faashistii PP Waldaa Amantii keessaa waaqeffattoota baasuun reebichaa fi dararaa hamaa yoo irraan ga’an ona Ammayyaatti qeerroo tokko ajjeesan.

ONM-ABO Hagayya 24,2022 Sirna nama nyaataa Koloneel Abiy Ahimed keessatti walabummaa amantii isa waraqaa qofa irra ture iyyuu balleessuun sirna Amantii, Aadaa, afaanii fi seenaa tokkichaa deebisanii dhaabuu hojii godhatanii jiraachuu agarsiiftuu hedduutu jira.

Faashistoonni sirna kana Hagayya 21,2022 Aanaa Jibaatii kallattii aanaa Dirree Incinnii ganda Buuyyamaa Roggeetti kan socho’an barii subiidhaani.

Akkuma ganda Buuyyamaa Roggee lafa gabaa Kamsii ga’aniin waldaa Qaalahiwootitti marsuun waldaa keessa hiriiraan akka ba’an ajajuu odeessi ganda sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqabe ni mul’isa.

Akka Odeessa kanaatti waldaan tajaajila erga xumuratanii booda akka ba’an gaafatanis balbala cabsanii seenuun tajaajila addaan kuchisiisanii akka gad ba’an godhan.

Namootni kun waan qaban cufaa waldaatti gatuun balbala waldaa banaa gatuun hiriiraan waraanaan marfamanii deeman.

Deemsa xiqqaan booda lafa awwaalcha geessisanii teessisuun dubartoota keessa filanii akka galan yoo ajajan jaarsa, daa’ima fi dhiira kan ta’e hundaa fuudhanii deeman.

Namoota kana irratti reebicha hamaa raawwachuun nama tokko ilkaan, nama kan biraa cinaacha yoo cabsan namoota hedduu irra reebicha hamaa geessisuu maddi keenya kun himeera.

Namootni fuudhamanii deeman kun fageenya sa’a lama erga deemsisaniin booda dhukaasnis irratti banamuun faffaca’anii kan galan yoo ta’u namootni fuudhamanii deeman kun hundi deebi’anii waan hin galleef du’aa fi jireenyi isaanii adda baafamuu dadhabuun maatiin yaaddoo cimaa keessa jiraachuu dabaluun ibseera.

Akkasumas aanaa Ammayyaatti aarii WBOn rukutamaniin ganda Goljaa keessatti namoota afur qabuun of faana erga deemsisanii nama sadii gadhiisuun nama tokko Dargaggoo Tafarraa Mi’eessa mana maatii isaatii ba’ee waldaa waaqeffannaa osoo deemaa jiruu qabanii bakka lolli itti ta’ee hedduuminaan dhuman, bakka addaa Qaaqee jedhamutti geessuun ajjeesanii gatuu maddi keenya aanaa Ammayyaati himeera.

Akka madda kanaatti Dargaggoo Tafarraan nama hammeenya tokko hin qabnee fi waan Oromoo ta’e qofaaf ajjeefame kan ajjeefame yoo ta’u nama hawaasaa fi maatii isaa biratti naamusa akkasumas kabaja qabu ta’uu maddi keenya dabaluun himeera.

Leave a Reply