Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Konyaa Gujii Lixaa Ona Dugdaa Daawwaa Keessatti Diina Adabuu Beeksise.
ONM-ABO Hagayya 25,2022 Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa cibraan Gooroo Dugdaatii fi Madda Albuudaa waliin ta’un aanaa Dugdaa Daawwaa ganda Dhaddachaa Baayyaa seenuudhaan ganama sa’a 11:00tti lukkeelee diinaa warreen uummata Oromoo hataa fi saamaa jiran irratti kaleessa Hagayya 24,2022 lola baneen lama battalatti yemmuu ajjeesu gariin madeessuun 8 immoo harkumaan qabee jiraa dhuunfatee jira .
Ittuma fufiinsaan har’a ganama aanuma kana ganda Walgayii Meeddanoo iddoo addaa Teelee bakka jedhamutti haxxee hidhuudhaan paatroolii tokko daaraa gochuun 6 battalatti ajjeesee 2 ammoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 10 irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Lolli bilisummaa goleelee Oromiyaa mara keessatti finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
