• Tue. Nov 24th, 2026

Gabaasa Gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame

Aug 27, 2022

Gabaasa Gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.

ONM-ABO Hagayya Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma Kanaan ilmaan Oromoo “Maadhee Tuuta Firfirsaa Diina Oromoo” jalatti gurmaa’an marsaa 1ffaaf qarshii 14,430 ( kuma kudha afuriif dhibba afuriif soddoma ) WBO hundeen jabeessuf gumaachanii jiru.
Gara Fuula duraattis akka deggersa isaanii itti fufan ibsuun ibsa ejjennoon mirkaneessaniiru.
Tumsii fi deggarsi WBOf taasifamu cimee itti fufuun lammiin Oromiyaa biyya Faransaay magaalaa Liyoon irraa WBO jabeessuuf Marsaa 1ffaaf qarshii Itoophiyaa 3,650 dhuunfaan Waraana Bilisummaa Oromoof gumaachitee jirti.
Garee “Gargarsa Ambaa Anoolee” jalatti gurmaa’an WBO dinagdeen jabeessuuf maallaqa Itoophiyaa 263,829 ( Kuma dhibba lamaaf ja’atamii sadiif dhibba saddetiif digdamii sagal ) WBOf gumaachanii jiru.
Gareen Gurmuu Galaana Biyyaa Sa’ud Arabiyaa jiran marsaa 8 ffaaf maallaqa Itoophiyaa 174,400 ( kumaa dhibbaa tokkoof torbatamii afuriif dhibbaa afur ) WBOf arjoomanii jiru.

Gareen WBO Utubuun of Utubuudha jedhaman Biyya Sudaan magaalaa Kaartuum irraa WBO Jabeessuuf qarshii impaayeera Itoophiyaa 37,260 ( kuma soddomii torbaaf dhibba lamaaf jaatama ) WBO qaqqabsiisanii Jiru.

Gara fuula durattis deggarsa WBOf taasisan hanga dhumaatti cimsanii kan itti fufan ta’uu Koreen qindeesituu garee kanaa dhaamaniiru.
Kanuma jalatti Ibsa ejjennoo qabxii 5 of keessaa qabu baafatanii jiru.

  1. Nuti miseensootni WBO utubuun of utubuu jedhu biyya Sudaan Kaartuum jirru haala rakkina nageenyaa fi dinagdeen rakkachaa osoo jirruu WBOf gargaasa gochuu dhaabuu akka hin dandeenye ifa goona.

2, Qaamni kamii fi haalli kam iyyuu gargaarsa WBOf goonu nu dhaabu akka hin dandeenye gad-fageessine ibsanna.

  1. Afaanfajjiin miidiyaa hawaasaa irra deemaa jiru kam iyyuu degersaa WBOf goonu nu dhaabuu akka hin dandeenye gad-fageessine dhaammanna!

Akkasumas,jaallaan dhiigaaf lafee isaaniin Oromiyaa eegaa jiran yoomuu ni yaadanna.

  1. Mootummaan Itoophiyaa maqaa ABO shanee itti baasuun, WBO ball’eessina jedhee itti duula jiru hanga wareegama lubbuutti dura dhaabbanna.
  2. Hanga Oromiyaan bilisoomtuutti, hanga WBOn gargaarsa dhaabaa nuun jedhuutti gargaarsa WBOf goonu yoom iyyuu dhaabuu akka hin dandeenye asumaan ifa goona jechuun ibsuu isaanii gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply