• Mon. Oct 5th, 2026

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dinagdeen tin’isuuf taasifame

Aug 27, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dinagdeen tin’isuuf taasifame.

Kan Hagayya 26,2022

ONM-ABO Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan maadhee “Sheek Bakrii Saphaloo 430” jedhu jalatti gurmaa’an WBO dinagdeen jabeessuuf qarshii kuma tokko 1,000 WBO gumaachanii jiru.

Jarmaayaan “Gurmuu Elemo Qilxuu biyya Sa’ud Arabiyaa” deggarsa dinagdee WBOf taasisaniin marsaa 4ffaaf miseensota isaa irraa buusii walitti qabuun riyaal Sa’udii 6,100 qarshii impaayeera Itoophiyaa 129,780 ( kuma dhibba tokkoof digdamii sagiif dhibba torbaaf saddeetama ) WBO qaqqabsiisanii jiru.

Itti aansuun ibsaa ejjeennoo qabxii shan qabuu baafatan jiru.

  1. Dinagdee waraana bilisummaa Oromootiif kan duraa caalaa akkaa argamuu gochuuf miseensa isaa addunya guutuu irraa akkaa horaatu murtesseera.
  2. Miseensoni jaarmayaa kana bakka jiran hundatti jaarmayaa Gurmuu Elemoo Qilxuu hundeessee akka hawaasa ijaare tumsaa waraanaaf godhamuu qabu karaa Jaarmayaa Gurmuu Elemoo Qilxuutiin akka waraana dhaqqabuu murteessee jira.
  3. Hawaasa keenya bakka jiru hundaa akka isaan qabsoo kana bira dhaabbatan gochuun dirqama tu’uu murteessanii jiru.
  4. Jaarmayaan Gurmuu Elemoo Qilxuu Guufhu Qabsoo Bilisummaa Oromoo karaa kamiinuu dhufuu duraa ni dhaabbata.
  5. Impaayeera Itoophiyaa kan bara baraan uummata keenya hidhuu, ajjeessuu fi beelaan uummatni keenya akka dhumuuf hojjechaa jiru diignee Oromiyaa Walaba WBO wajjin ta’uun ni ijaarra.

Tumsii fi deggarsi WBOf taasifamu cimee itti fufuun “Guruppiin imaltoota kaayyoo” Marsaa 3ffaaf gumaacha maallaqaa WBOf taasiseen qarshii impayeera Itoophiyaa 31,630 ( Kuma dhibba ja’aaf soddoma ) WBO qaqqabsiisanii jiru.

Sabboonaan Oromoo obbo Leencaa Disaasaa jedhamu biyya Jamaica irraa dhuunfaadhaan marsaa lammaaffaaf qarshii impaayeera Itoophiyaa 5,023 irree fi gaachana sabaa WBO qaqqabsiisanii jiru.

Maadheen Badhaasa Dirree gumaacha WBOf taasisaniin qarshii Itoophiyaa 10,000 ( Kuma kudhan ) WBO qaqqabsiisaniin cinaatti marxoo waraanaa 11 WBOf galii godhanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading