• Wed. Nov 25th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina baha Wallaggaa keessaa aanaa 2ffaa qabate

Aug 28, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina baha Wallaggaa keessaa aanaa 2ffaa qabate.

ONM-ABO Hagayya 28, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii mooraa diinaa buqqisuun aanaa dhuunfachuu itti fufuun godina baha Wallaggaa keessaa aanaa lammaaffaa to’annoo isaa jala oolchee jira.

Tarkaanfii mooraa diinaa buqqisu ganama barii Hagayya 28, 2022 ona Habroo Limmuu keessatti eegalee injifannoo boonsaa galmeessifameen booda waaree booda kana ona Limmuu Galiilaatti ce’uun haleellaa laalessaa WBOn mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Galiilaa irratti fudhateen waraana faashistii Abiy Ahimed magaalaa keessaa ari’uun magaalicha dhuunfatee jira.

Tarkaanfii ona Limmuu Galiilaa keessatti fudhachuun magaalaa Galiilaa dhuunfatame kanaan hidhamtoota siyaasaa dhibbootaan lakkaa’aman gadhiisisuun meeshaalee waraanaa addaa booji’ee jira.

Waraanni bilxiginnaa du’aa fi madoo irraa hafte yeroo gabaasni kun qindaa’eetti baqachaa kan turte yoo ta’u gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo hojii hawaasa tasgabbeessuu hojjechaa tarkaanfii isaa itti fufaa jira.

Guutuu gabaasa kanaa jala bunee hordofnee isiniin geenya!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply