• Tue. Oct 6th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn godina Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu dhuunfachuu beeksise

Aug 28, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn godina Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu dhuunfachuu beeksise.

ONM-ABO Hagayya 28,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu itti fufuun aanaa tokko guutuutti dhuunfatee jira.

Gootichi onnee sibiilaa WBOn har’a ganama Hagayya 28,2022 ganama bariin godina Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu mooraa magaalaa Harootti waraana faashistii Abiy Ahimeditti seenuun mooraa ishee keessaa buqqise magaalicha guutuutti dhuunfatee jira.

Tarkaanfii mooraa buqqisu kanaan gootootni ilmaan Oromoo WBOn meeshaalee waraanaa Bireena, Isnaayippera ,qawwee AKM, konkolaataa waraanaa, rasaasa fi meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa kan dhuunfatee yoo ta’u waajjira poolisii aanichaa keessatti hidhamtoota siyaasaa badii malee hidhamanii turan gadhiisisee jira.

Lola jabaa gootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo irratti malate kanaan waraana bilxiginnaa 70 ajjeesee 45 madeessuun uummata aanaa Haroo Limmuu gammachuun shubbisiisaa jiraachuu ajajaan WBO naannichaa ibsee jira.

Guutuu gabaasa kanaa odeeffannoo dabalataan walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading