Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Hagayya 29, 2022 Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaachi sabboontootni ilmaan Oromoo taasisan cimee itti fufee jira.
Haaluma kanaan ilmaan Oromoo quuqama saba isaanii qaban biyyoota akka Neezerlaandii fi Kuweet irraa yeroo garaagaraatti maandhee ”Falmadhu Mirgaa keetiif ” jedhu jalatti hirmaacha kan turan yoo ta’u amma dhuunfaadhan akka armaan gadiitti gumaacha taasisanii jiru.
Gaaddisee Roobaa dhuunfaan qarshii 25,180
Margituu Bilisummaa dhuunfaadhaan qarshii 12,580
Jiilchaa Diina dhuunfaadhaan qarshii 15,000
Oromiyaa Guutamaa Marsaa 4ffaaf qarshii 2,400 gumaachaa taasisanii jiru.
Tumsii fi deggersi WBOf taasifamu biyya keessaa fi biyya alaatti cimee itti fufee jira.
Haaluma kanaan obbo Laggasaa Deettii USA Miniiyaappoolis irraa dhuufaadhaan WBO Dinagdeen jabeessuuf doolaara US Ameerikaa 300 gumaachanii jiru.
Maadheen “Kuulanii Boruu”jedhu jalatti ijaaraman WBOf rasaasa kilaashii firii 28, soolaara bilbilaan anniisifatan firii 2 fi giloovii harkaa kan qorraaf ta’u 30 WBO qaqqabsiisanii jiru.
Deggartoonni, mararfattoonni fi miseensoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waraana isaanii dinagdeen tin’isuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Miseensoonni “Waldaa Qabsaa’oota Xumura Gabrummaa” yeroo dhihootti walitti gurmaa’uun dinagdeen Waraana isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo tin’isuuf marsaa jalqabaa kana qarshii Itoophiyaa 41,400 ( kuma afurtamii tokko fi dhibba Afur ) gumaacha godhaniiru.
Qaqqaaliiwwan ilmaan Oromoo biyyaa keessaa fi biyya ambaa jiraatan gumaacha WBOf taasisan hanga bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti akka itti fufan waadaa seenanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaa ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
