Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Baha Wallaggaa keessatti tarkaanfii fudhateen aana lama keessaa waraana bilxiginnaa buqqise.
ONM-ABO Hagayya 29,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn waraana bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeechaa, hidhaa, saamichaa, gudeeddii, manneen gubuu fi qe’ee irraa buqqisuu saalfii tokko malee irratti raawwachaa turan kaleessa barii irraa eegaluun tarkaanfii fudhateen godina Baha Wallaggaa aanaa lama keessaa ari’uun dhuunfatee jira.
Kaleessa Hagayya 28,2022 godina Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuutti kan eegale tarkaanfiin Waraana Bilisummaa Oromo, injifannoo ona Haroo Limmuutti argame itti fufsiisuun waaree booda ona Limmuu Galiilaatti ce’uun injifannoo boonsaa galmeessanii jiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa godina Baha Wallaggaa keessa socho’u tarkaanfii laalessaa mooraa waraana bilxiginnaa ona lameenii irratti fudhatee buqqisiiseen hidhamtoota siyaasaa gadhiisisuun meeshaalee waraanaa garaagaraa hedduu booji’ee jira.
