• Mon. Oct 5th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa godina Gujii Lixaa ona Qarsaa keessatti nama nagaa rasaasaan rukutan

Aug 29, 2022

Waraanni murna bilxiginnaa godina Gujii Lixaa ona Qarsaa keessatti nama nagaa rasaasaan rukutan.

ONM-ABO Hagayya 29, 2022 Gareen maafiyaa PP waraana jibbiinsa Oromummaan guutee leenjii kenneef Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun ilmaan Oromoo guyya guyyaa rasaasaan rukuchaa oolu.

Akka kanaanis kaleessa Hagayya 28,2022 godinaa Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Galessaa Dibbisaa keessatti waraanni nama nyaataan Abiy Ahimediin hogganamu kan dhigaa ilmaa Oromoo jigsuu aadaa godhate nama nagaa siyaasa kam irraa iyyuu bilisaa ta’e nama maqaan isaa Waaqoo Tasfaayee Waaree jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun gatan.

Erga rukutanii ajjeesnee jirra jedhanii deemaniin booda maatiin isaa achii kaasanii lubbuun waan keessa jiruuf gara mana yaalaatti geeffatanii jiru.

Dargaggoo Waaqoo Tasfaayee uummata keessa jiraatu gidduutti nama nagaa yoo ta’u waraana murna bilxiginnaan naasuu tokko malee rukutamee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading