Godina Gujii Bahaa ona Gumii Eldalloo keessatti waraanni bilxiginnaa daa’ima tokko ajjeesan.
ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Gareen maafiyaa PP ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee ajjeesu aadaa godhate gocha isaa badii itti fufuun ona Gumii Eldalloo keessatti daa’ima tokko ajjeesanii jiru.
Dheengadda Hagayya 28,2022 godina Gujii Bahaa ona Gumii Eldalloo magaalaa Malkaa Gubaa keessatti daa’ima ganna 13 kan maqaan isaa Biqilaa Guyyoo Goollichaa jedhamu rasaasaan rukuchuun erga ajjeesanii reeffa dhorkatan.
Daa’ima umriin xiqqaa waan siyaasaatuu quba hin qabne badii tokko malee erga ajjeesanii reeffa maatii dhorkachuunbm qawween irratti nama eegaa kan turan yoo ta’u reeffi guyyaa lammaaffaa ala oolee buluu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni murna bilxiginnaa ajajaa Abiy Ahimed kan sabboonummaa Oromummaa cabsee Itoophiyummaa gadhaabuuf ilmaan Oromoo lafa irraa haxaa’uu murteeffatee hojjechaa jiru hojiitti hiikuun bakka deeman cufaatti ilmaan Oromoo irbaata rasaasaa gochuun haadha Oromoo boossisaa oolu.
