Mootummaan Naannoo Oromiyaa poolisoota humnaan addaa Oromiyaa mooraa Bulbulaa jiran fe’uuf akka jiru dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan hiyyeessaa dirqamaan maatii isaanii jalaa qabuunii fi maallaqa xixiqqoon erga goyomseen booda leenjii waraanummaa kennuufiin lola isaan hin ilaallannetti bobbaasaa jira.
Akka kanaanis mooraa leenjii poolisii humna addaa Oromiyaa ofiin jedhan kan godina Baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa magaalaa Bulbulaa keessaa jiru irraa humna poolisii maqaa humna addaan leenjii fudhatan Fulbaana 2, 2022 irraa kaasuun Oromiyaa bakkoota garaagaraatti bobbaasuuf akka jiru odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.
Humni badii maqaa Oromoo dha’achuun olaantummaa saba Amaaraa fi barcuma siyaasaa nama dhuunfaa tiksuuf bobba’uuf deeman kana mooricha keessaa fe’uuf konkolaataa TATA hedduun dhaabbaatee jira.
Murni bilxiginnaa fedhiin isaa oolee bulee lola ta’e kun dargaggoota egeree biyyaa ta’an lola isaan hin ilaallannee Oromiyaa keessaa fi kaaba impaayeerattii keessatti hirmaachisuun qoraan abiddaa taasisuu itti fufee jiraachuun ni beekama.
